Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

45 of 559 cards

Clear filters
«Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa, worra isiniin duraa wanti dhabamsiise, gaaffii heddummeesuu isaaniitii fi nabiyyoota isaanii irratti wol dhabuu isaaniiti».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii ol ta'e irraa odeessaniin keessatti Rabbiin akkas jedhe: "Yaa gabroottan koo ani lubbuu koo irratti miidhaa haraama taasiseen jira, gidduu keessanittis isa haraama taasiseen jira, wal hin miidhinaa, yaa gabroottan koo! hundi keessanuu jaallataadha nama ani isa qajeelche malee, qajeeluma narra barbaadaa isinin qajeelchaa, yaa gabroottan koo! nama ani nyaachise malee hundumti keessanuu beela'aadha, nyaachisa narra barbaadaa isinini nyaachisaatii, yaa gabroottan koo! hundumtu keessanuu qullaadha nama ani offise malee, uffisa narra barbaadaa isinin uffisaatii, yaa gabroottan koo! isiin halkanii fi guyyaa keesatti ni dogongortani ani immoo badii hundan dhiisa waan ta'eef dhiifama narra barbaadaa isiniifan dhiisaatii, yaa gabroottan koo! isin na miidhuutti geessanii na miidhuu hin dandeessanu, akkasumas na fayyaduutti geessanii na fayyaduu hin dandeessanu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irratti homaa hin dabalu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra cubbamaa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irraa homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan dirree tokko irra dhaabatanii na gaafatanii jennaan nama hundaafuu waan gaaffii isaa isaaf kennee sun waan na bira jiru irraa hanga lilmeen bahra yeroo buute hir'istu malee homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! isiin tun hojiidhuma keessan qofa isiidhuman isiniif lakkaa'aa, eegasii isiidhuman mindaa isiniif galcha, kanaafuu namni toltuu arge Rabbiin haa galatoomfatu, waan sanaan alaa namni arge lubbuu isaa malee hin komatin)
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan hinamanu hanga fedhiin isaa waan ani ittiin dhufe (islaamummaa) hordofutti».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa sahiiha Kitaaba Hujjaa keessatti sanada sahiiha taheen isa gabaasneerra
«Humna qaama namaa hunda sadaqaatu irratti jira guyyaa aduun baatu hundakeessatti. nama lama jidduutti araara buusuun sadaqaadha, yaabbii isaa irratti namicha gargaaruun, gargaartee isa yaabbachiisuun yookaan meeshaa isaa ol fuutee irra kaa'uun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin gara salaataatti deemtu hunduu sadaqaadha, karaa irraa waan nama rakkisu kaasuunis sadaqaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
«Rabbiin gaariidha gaarii males hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu’umintootas ajajee jira, Rabbiin ol ta’e akkas jedhe: {Yaa ergamtootaa! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa hojiiwwan gaggariis hojjadhaa} ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yaa worra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} eegasii namicha imala dheeressu, kan mataan isaa fajaajaa, kan quttaa'e, kan harka isaa gara samiitti diriirsuun: Yaa Rabii, Yaa Rabbi jedhu, kan nyaanni isaa haraamaa, dhugaatiin isaas haraamaa, uffannaan isaas haraamaa, kan haraamaan guddate dubbachuun, akkamumatti kadhannaan isaaf owwaatama?». jedhani.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Gaafa tokko nuti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira taa'aa osoo jirruu, akka tasaa namichi huccuun isaa haalaan adii ta'e, rifeensi isaa immoo haalaan gurraacha ta'e, kan faanni imalaa isa irratti hin mul'annee fi nurraa namni tokkollee kan isa hin beekne nutti ba'e, dhufee Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaaan irratti haa buusu- bira taa'ee jilba isaa gara jilba isaaniitti hirkisee, ganaa harka isaa lameen sarbaa isaanii irra kaa'atee, yaa Muhammad, islaamummaa irraa natti himi jedheen, Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: " islaama jechuun Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad immoo ergamaa Allaahaati jettee ragaa ba'uudha, salaata dhaabuudha, zakaa kennachuudha, ramadaana soomuudha, yoo karaa dandeesse mana Rabbii hajja'uudha jedhaniin, innis dhugaa dubbatte jedheen, ni jedhe (umar): isa dinqisiifanne, ni gaafataa (deebiin isaa akkka sirrii ta'e) immoo isa dhugoomsee mirkaneessaaf, itti aansuun ni jedhe: Iimaana irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Allaahaatti, malaa'ikota Isaatti, kitaabbowwan Isaatti, ergamtoota Isaatti, guyyaa dhumaatii fi qadara toltuu fi hamtuu isaatti amanuudha". innis dhugaa dubbatte jedheen, ammas ni jedhe: Ihsaana irraa naaf himi (toltuu hojjachuu), isaanis ni jedhan: "Akka waan Isa agartuutti Allaaha gabbaruudha, ati yoo Isa hin agarrellee Inni si arga waan ta'eef". ammas ni jedhe: qiyaamaa irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Waan isii irraa gaafatamaan gaafataa caalaa waan beeku hin qabu". innis ni jedhe: mallattoo isii irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Gabrittiin rabbii isii da'uu fi tiksitoota re'ee kan miila qullaa huccuu irraas qullaa ta'an ijaarsa keessatti kan wol dorgoman arguu keeti". ni jedhe (Umar): eegasii ni deeme, xiqqo nan ture, eegasii akkas naan jedhani: "Yaa Umar hoo gaafataan eeenyu akka ta'e beekataa?", Allaahaa fi Ergamaa Isaatu beekan jedheeni, isaanis ni jedhan: "Inni Jibriil ture amantaa keessan isin barsiisuuf jecha dhufe".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Sahaaboota nabiyyii irraa -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni wohii nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: yaa ergamaa Rabbii, abbootiin qabeenyaa mindaadhaan nu dursanii deemaniiru, akkuma nu salaannutti salaatu, akkuma nu soomnutti soomu, haftee qabeenya isaanii immoo ni sadaqatu, nabiyyiinis akkas jedhani: "sila waan isin sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? Tasbiihin jedhamu hundi sadaqaadha, takbiiraan jedhamu hundi sadaqaadha, faaruun jedhamu hundi sadaqaadha, Laa Ilaaha Illallaah jechuun hundi sadaqaadha, toltuutti ajajuun sadaqaadha, badii irraa dhoorguunis sadaqaadha, wal qunnamtiin tokkoon keessan haadha manaa isaati waliin godhus sadaqaadha", isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, tokkoon keenya fedhii isaa baafatee isa keessa mindaan isaaf jiraataa?, isaanis ni jedhani: "mee ilaalaa osoo haraama keessa kaa'ee jiraatee silaa badiitu isa irra jiraataa mitii? akkasuma halaala keessa yeroo kaa'es mindaan isaaf ta'a".
Sahiiha Muslimtu gabaase