Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

38 of 559 cards

Clear filters
«Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera, yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatanis gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u, billaa isaa haa qarfatu, waan gorra'u sanas haa boqachiisu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan ta’aa, muslimni obboleessa muslimaati, isa hin miidhu, isa hin xiqqeessu(bakka isaaf tumsamuu qabutti isa irraa hin dheessu), isa hin tuffatu, Rabbiin sodaachuun as jira" si’a sadi qoma isaaniitti akeekaa "namichaaf obboleessa isaa muslimaa xinneessuun, hamtuudhaaf isaaf ga’aadha, hundi muslimaa muslima irratti haraama, dhiigni isaa, qabeenyi isaa fi kabajaan isaas».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Isin irraa namni badii wohii arge harka isaatiin haa jijjiiru, kana yoo hin dandeenye arraba isaatiin, kanas yoo hin dandeenye immoo qalbii isaatiin, sun garuu irra dadhabaa iimaanaati".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru, Gabrichi koo sunnaa hojjachuun natti dhihaachuu irraa booda hin jedhu, hangan isa jaalladhutti. yoon isa jaaladhe immoo, dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan inni ittiin qabatuu fi miila isaa kan inni ittiin deemun isaaf ta'a, (qaama isaa hamturraa isa tiiysa jechuudha) yoo na kadhate isaafin kenna, yoo natti maganfates isan tiksa».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Waan dhaloonni haraama godhu hoosifnis haraama godha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) khalaqaman irraa of eeggadhaa, hundi wantoota haaraa diinii keessatti khalaqamanii jallina waan ta'eef jecha».
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani