Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

38 of 559 cards

Clear filters
«Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu maajaa, Ibnu Hibbaan -sahiiha isaa keessatti- fi Haakimtu isa gabaasani
«Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha».
Sahiiha Hadiisa tokkoffaa: Muslimtu gabaase, hadiisa lammaffaa immoo: Ahmad fi Daarimiitu gabaasan.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara yamanitti isa erganii, dhugaatii achitti hojjatamu irraa, maali isiin? jedhanii isa gaafatani, innis, «Bit'ii fi Mizriidha» jedhe, achumaan Abuu Burdaadhaan, bit'iin maali? jedhameen, innis "Bulbula dammaati, Mizriin immoo: bulbula garbuuti" jedhe, Isaanis ni jedhani: «wanti macheessu hundi haraama». Bukhaariitu gabaase.
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
«Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin».
Sahiiha Ahmad, Tirmizii, Ibnu maajaa fi Ibnu Hibbaantu gabaasani
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa tahe, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: nama yeroo dubbatetti kijibu, yeroo beellametti diigu, yeroo falmetti daangaa dabruu fi yeroo waadaa (irbuu) seenetti ganu».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
Namichi wohii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun gaafate: Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee, sana irratti yoon homaa dabaluu dhabe, jannata nan seenaa? Ergamaanis: «Eeyyeen» jedhan.
Sahiiha Muslimtu gabaase