Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

108 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (50)
Aliyyii ibnu Abii Xaalib akkas naan jedhe: waan ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin na erganiin si erguu? siidaa kamuu isa dhabamsiiftu malee akka isa hin dhiifne, qabrii ol ka'ee mul'atu kamuu wol qixxeessitu malee akka hin dhiifne.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname: Imala ji'a tokkoo irraa diinni na sodaachuunin tumsame, dachiin iddoo salaataa fi xaaharaa naaf taasifamte, Kanaaf ummata kiyya irraa namni kamuu kan salaanni itti geesse haa salaatuu, boojuun anaaf halaala ta'e, na dura nama kamiifuu halaala hin turre, shafaa'aan naaf kenname, Nabiyyiin tokko yeroo ergamu ummata isaa qofatti ergama, ani immoo walumaa galatti namootaaf ergame».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Taabotaan hin kakatinaa, akkasumas abboota keessaniinis hin kakatinaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kanaa argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii ni qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Abbaan warqii fi meetii kan waan irraa kaffaluun dirqama ta'e kan hin kaffalle guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu, ibidda Jahannam keessatti ishee irratti oo'ifama, cinaachi isaa, addi isaa fi dugdi isaa isheedhaan gubama, yeroo qabbanaa'e hunda deebi'ee isaaf oo'ifama, guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantamatti lakkaa'amu keessatti akkasitti tura, hanga jidduu gabrootatti murtiin godhamee, karaa isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaa ta'uu argutti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Booda ummata kootii keessatti namoonni waan isinii fi abbootiin keessan hin dhagahin isinitti himan ni argamu, warra akkasii san irraa fagaadhaa”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
Sahiiha Muslimii fi Ahmadtu gabaasan
«Karaa warra isin dura turanii taakkuu taakkuun, dhundhuma dhundhumaan Rabbitti kakadhee hordofuuf teessan, Osoo isaan boolla wakkallee keessa seenanillee isin isaan ni hordoftan» ni jenne: Yaa Ergamaa Rabbii! Yahuudaa fi Kiristaanaa isaan? isaanis ni jedhan: «Eenyu ree?»
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan