Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

108 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (50)
Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame, woggaa kudha sadi'iif makkaan turani, eegasii godaansatti ajajamanii, gara madiinaatti godaanani, woggaa kudhaniif isii keessa turani, eegasii immoo -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni du'ani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, waan jaahiliyyaa (bara doofummaa ergamuu isaaniitiin duraa) keessatti hojjanneen ni qabamnaa?, isaanis ni jedhan: " Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan