Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

108 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (50)
«Irra caalaan Guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aati, guyyaa kana keessatti Aadam uumame, isa keessatti ammas Jannata seensifame, guyyaa kana keessatti irraa ari’ames, guyyaa Jum’aa malee Qiyaamaan hin dhaabbattu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Mu'aaz ilma Jabaliin yeroo gara yamanitti isa erganitti ni jedhaniin: ''ati ummata wohii kan worra kitaaba kennaman irraa ta'anitti dhufta, yeroo isaan bira dhuftetti haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaahaa akka ta'e gara Ragaa ba'utti isaan waami yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, guyyaa fi halkan hunda keessatti akka Rabbiin isaan irratti salaata shan dirqama taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, Rabbiin zakaa dureessowwan isaanii irraa fuudhamtee hiyyeessota isaaniitti deebitu dhugumatti dirqama akka isaan irratti taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan siif qeebalan ta'e, adaraa qabeenyawwan isaanii qaqqaalii irraa of eegadhu, kadhaa miidhamaa sodaaadhu, dhugumatti isaa fi Rabbiin gidduu girdoon hin jiruutii''.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Wanti hunduu murtoon ta'a, dadhabbii fi collummaan illee yookaan collummaa fi dadhabbiin illee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii ! meeshaan ittiin hawdii dhugan maal inni? ni jedhani: "Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha, dhaga'aa urjiiwwan halkan dukkana duumessa irraa qulqulluu ta'e keessatti mul'atu irra hedduudha, meeshaa jannataa namni isii keessaa dhuge dheebuu jalqaba isa irra tureen ala hin dheebotu, jannata irraa ashandaa lamaatu isa(hawdii) keessatti yaa'a, namni isa irraa dhuge tasuma hin dheebotu, bal'inni isaa akkuma dheerina isaati, hanga gidduu ammaanii(magaalaa biyya shaam keessatti argamtu) fi aylaati(magaalaa xarafa shaam irratti argamtu), bishaan isaa aannan irra akkaan adiidha, damma irra akkaan mi'aawaadha".
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase