Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

17 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuse, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitaabni Rabbii jira, waan isa keessatti halaala ta'ee argine halaala godhanna, waan isa keessatti haraama ta'ee argine haraama godhanna, dhugumatti wanti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haraama godhe akkuma waan Rabbiin haraama godheeti".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaatu gabaasani
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- gara Hunaynitti yeroo bahan muka mushrikootaa tan meeshaa waraanaa itti fannifatan tan zaatu anwaax(bakka waa itti fannifatan) jedhamtu tokko bira darban, akkas jedhaniin (sahaabonni): Yaa ergamaa Rabbii akkuma isaan zaat anwaaxin qaban, nuufis zaat anwaax godhi, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Rabbiin qulqullaaye! Kuni akkuma ummatni Muusaa isaan jedhani:(Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi} [Al-A'araaf: 138] Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”.
Sahiiha Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
"Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Hasan fi Huseen hoggantoota dargaggoota warra jannataati».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
“Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan