Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

3 of 559 cards

Clear filters
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii wahii lama bira dabranii, akkana jedhan: “Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e" eegasii muka jiidhaa wahii fuudhanii isa bakka lamatti qoodanii, hunda qabrii irra tokko gadi dhaaban, ni jedhan (sahaabonni): " yaa ergamaa Rabbii maalif kana hojjatte?, isaanis ni jedhan: “waan mukni lameen kun hin goggoginiin Rabbiin isaan lameen irraa adabbii salphisuudhan kajeela".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Mu'aaz ilma Jabaliin yeroo gara yamanitti isa erganitti ni jedhaniin: ''ati ummata wohii kan worra kitaaba kennaman irraa ta'anitti dhufta, yeroo isaan bira dhuftetti haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaahaa akka ta'e gara Ragaa ba'utti isaan waami yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, guyyaa fi halkan hunda keessatti akka Rabbiin isaan irratti salaata shan dirqama taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan sirraa qeebalan ta'e, Rabbiin zakaa dureessowwan isaanii irraa fuudhamtee hiyyeessota isaaniitti deebitu dhugumatti dirqama akka isaan irratti taasise isaanitti himi, yoo isaan sana kan siif qeebalan ta'e, adaraa qabeenyawwan isaanii qaqqaalii irraa of eegadhu, kadhaa miidhamaa sodaaadhu, dhugumatti isaa fi Rabbiin gidduu girdoon hin jiruutii''.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessaniin keessatti akkana jedhan: Rabbiin akkana jedhe: "dhugumatti Rabbiin toltuu fi badduus barreessee, eegasii sana ifa galchee jira, namni toltuu tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo of biratti toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti hanga dachaawwan hedduutti isaaf barreessa, namni badii tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo Rabbiin badii tokko qofa isa irratti barreessa".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan