Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

17 of 559 cards

Clear filters
"Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu- gara jnnataatti ergee, akkas jedhe: gara isiitii fi gara waanan isii keessatti worra isiitiif qopheessee ilaali. isii ilaalee eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokko isii dhag'ee isii seenu malee hin hafu. eegasii isitti ajajee waan jibbamaan marfamte, eegasii gara isii deemiitii isiidhaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee, yeroo inni argu isiin waan jibbamaan marfamtee jirti, eegasii ni jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii seenuu dhabuun dhugumatti sodaadhe. ni jedhe: deemi gara ibiddaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee yeroo jedhu isiin gariin isii garii isii yaabbata, eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii hin seenu. eegasii isiitti ajajee feedhiiwwaniin marfamte, eegasii ni jedhe: gara isiitti deebi'ii isii ilaali. isii ilaalee yeroo jedhu dhugaatti fedhiiwwaniin marfamtee jirti, eegasii deebi'ee akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha dhugaatti namni tokkoyyuu isii irraa akka hin baraaramnee fi isii seenu malee akka hin hafnen sodaadhe".
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Namni amaanaan kakate nu irraayii miti».
Sahiiha Abuu Daawudii fi Ahmadtu gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhagahu kanin isa sammutti qabachuu barbaade hunda barreessaa ture yoon ta'u, Qureeyshiin na dhoorgitee, akkas naan jedhan: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhageessu hunda barreessitaa, bar Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaati, haala aarii qabuu fi gammachuu qabu keessatti ni dubbata? isaan akkana naan jennaanin barreessuu irraa of qusadhee, sana Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hime, isaanis quba isaanitin gara afaan isaanitti akeekanii, akkana naan jedhan: "Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu".
Sahiiha Abuu Daawuudtu gabaase
Jiila warra Banii Aamiir waliin gara Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”.
Sahiiha Abuu Daawudii fi Ahmadtu gabaasani
Nabiyyii irraa odeesse -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim» kana qofaa jedhe? eeyyeen kana qofa, ni jedhe: yeroo sana jedhetti sheyxaanni guyyaa isaa guutuu ana irraa tikfate jedha.
Hasani Abuu Daawuudtu gabaase
Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya waan isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa birattti irra jaallatamaa ta'etu lubbuu isaa keessatti itti dhaga'ama -waan afaaniin dubbachuun isatti ulfaatu wohiitti akeekee-, ergamaanis ni jedhan: "Rabbi guddate, Rabbi guddate, faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti".
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Nasaa'iin Kubraa keessatti gabaasan
"Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitaabni Rabbii jira, waan isa keessatti halaala ta'ee argine halaala godhanna, waan isa keessatti haraama ta'ee argine haraama godhanna, dhugumatti wanti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haraama godhe akkuma waan Rabbiin haraama godheeti".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaatu gabaasani