Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

35 of 559 cards

Clear filters
«Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera, yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatanis gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u, billaa isaa haa qarfatu, waan gorra'u sanas haa boqachiisu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan ta’aa, muslimni obboleessa muslimaati, isa hin miidhu, isa hin xiqqeessu(bakka isaaf tumsamuu qabutti isa irraa hin dheessu), isa hin tuffatu, Rabbiin sodaachuun as jira" si’a sadi qoma isaaniitti akeekaa "namichaaf obboleessa isaa muslimaa xinneessuun, hamtuudhaaf isaaf ga’aadha, hundi muslimaa muslima irratti haraama, dhiigni isaa, qabeenyi isaa fi kabajaan isaas».
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
"Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun malli na harkaa badee karaan natti cufame waanan yaabbadhee deemu naaf kenni jedheen, Nabiyyiinis "Hin qabu" jedhaniin, namichi tokko yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhee, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, nama afaan badaas miti».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (baalagee) uumaa isaaniitti nama waan fokkataa hojjatuu fi dubbatu hin turre akkasuma nama waan fokkataa barbaadee hojjatus hin turre, akkas jedhu ture: «Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan