Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

23 of 559 cards

Clear filters
«Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha».
Sahiiha Hadiisa tokkoffaa: Muslimtu gabaase, hadiisa lammaffaa immoo: Ahmad fi Daarimiitu gabaasan.
«Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef, hanga Rabbiin biratti akkaan dhugaa dubbataa jedhamee barraa'utti namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu, adaraa soba irraa of eeggadhaa, sobni gara jal'inaatti qajeelcha, jal'inni immoo gara ibiddaatti qajeelcha waan ta'eef, hanga akkaan sobaa jedhamee Rabbiin biratti barraa'utti namichi sobuu fi soba barbaaduu irraa boodatti hin jedhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera, yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatanis gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u, billaa isaa haa qarfatu, waan gorra'u sanas haa boqachiisu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan ta’aa, muslimni obboleessa muslimaati, isa hin miidhu, isa hin xiqqeessu(bakka isaaf tumsamuu qabutti isa irraa hin dheessu), isa hin tuffatu, Rabbiin sodaachuun as jira" si’a sadi qoma isaaniitti akeekaa "namichaaf obboleessa isaa muslimaa xinneessuun, hamtuudhaaf isaaf ga’aadha, hundi muslimaa muslima irratti haraama, dhiigni isaa, qabeenyi isaa fi kabajaan isaas».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun malli na harkaa badee karaan natti cufame waanan yaabbadhee deemu naaf kenni jedheen, Nabiyyiinis "Hin qabu" jedhaniin, namichi tokko yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhee, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira".
Sahiiha Muslimtu gabaase