Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

3 of 559 cards

Clear filters
«Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessan keessatti Rabbiin akkana jedhe: "Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebisee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'ee- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiin isa qabu isaaf jiru beeke, waan feete hojjadhu dhugumatti siif dhiiseen jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- karaa Makkaa irra deemaa osoo jiranuu, gaara tokko kan Jumdaan isaan jedhamu bira darbanii, Akkana jedhani: «Deemaa, kuni Jumdaanii, Mufarridoonni darban» ni jedhan (sahaabonni): Mufarridoota jechuun maal jechuudha yaa Ergamaa Rabbii? Akkas jedhan: «Isaan dhiirotaa fi dubartoota yeroo baay’ee Rabbiin zakkarani».
Sahiiha Muslimtu gabaase