Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

9 of 559 cards

Clear filters
«Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Inni gara Nabiyyitti dhufee, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, dhugumatti sheyxaanni anaa fi salaata koo fi qiraatii koo gidduu galee na irratti isii wal fakkeessaa jira. Ergamaan Rabbiitis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: "Sun sheyxaana “Khinzab” jedhamu, Yeroo wanti akkasii sitti dhaga’ame, Rabbitti irraa maganfadhuu, gara bitaa kee irratti yeroo sadii tufi". ni jedhe: ani akkas godhee, Rabbiin isa narraa kaase.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessan keessatti Rabbiin akkana jedhe: "Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebisee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'ee- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiin isa qabu isaaf jiru beeke, waan feete hojjadhu dhugumatti siif dhiiseen jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- Halqaa wahii kan sahaabota isaanitti dhufanii akkana jedhaniin: «Maaltu isin teessise?» Isaanis ni jedhan: Nuti Rabbiin zakkaruu fi Islaamummaa nuuf kennee waan isaan tola nurratti ooleef jecha isa galateeffachuuf teenye, isaanis ni jedhan: «Rabbiin isin qabee san malee homaa isin hin teessifnee?» isaanis ni jedhan: «Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Yemmuu Mu'azinni akkana jedhe: Allaahu Akbar, Allaahu Akbar, tokkoon keessan Allaahu Akbar, Allaahu Akbar jedha, ergasii Ash-hadu An laa ilaaha Illallaah yoo jedhe innis Ash-hadu An laa ilaaha Illallaah jedha, Ash-hadu Anna Muhammadan rasuulullaah yoo jedhe, innis Ash-hadu Anna Muhammadan rasuulullaah jedha, Hayya Alassalaah yoo jedhe, Laa hawla walaa quwwata illaa billaah jedha, Hayya Alal falaah yoo jedhes laa hawla walaa quwwata illaa billaah jedha, Allaahu Akbar Allaahu Akbar yoo jedhe, Allaahu Akbar Allaahu Akbar jedha, ergasii Laa ilaaha Illaallaah yeroo mu'azzinni jedhe, innis Laa ilaaha Illallaah jedha, kana qalbii isaa irraa kan jedhe taanan Jannata seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Sahaaboota nabiyyii irraa -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni wohii nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: yaa ergamaa Rabbii, abbootiin qabeenyaa mindaadhaan nu dursanii deemaniiru, akkuma nu salaannutti salaatu, akkuma nu soomnutti soomu, haftee qabeenya isaanii immoo ni sadaqatu, nabiyyiinis akkas jedhani: "sila waan isin sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? Tasbiihin jedhamu hundi sadaqaadha, takbiiraan jedhamu hundi sadaqaadha, faaruun jedhamu hundi sadaqaadha, Laa Ilaaha Illallaah jechuun hundi sadaqaadha, toltuutti ajajuun sadaqaadha, badii irraa dhoorguunis sadaqaadha, wal qunnamtiin tokkoon keessan haadha manaa isaati waliin godhus sadaqaadha", isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, tokkoon keenya fedhii isaa baafatee isa keessa mindaan isaaf jiraataa?, isaanis ni jedhani: "mee ilaalaa osoo haraama keessa kaa'ee jiraatee silaa badiitu isa irra jiraataa mitii? akkasuma halaala keessa yeroo kaa'es mindaan isaaf ta'a".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa, namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa. Ergasii Wasiilaa naaf kadhaa, isiinis jannata keessaa sadarkaa guddaadha, gabroota Rabbii keessaa isa cimaaf malee nama tokkoof hin taatu. namni sun ana akka tahu hawwa. namni Wasiilaa naaf kadhate shafa'aan kiyya isaaf raggaate".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni yeroo kudhaniif "Laa ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhe ilmaan Ismaa'il irraa akka nama lubbuu afur bilisa baaseeti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan