Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

8 of 559 cards

Clear filters
“Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaal irratti Mu'aaz uddeelluu isaanii taa'ee akkas jedhani: «Yaa Mu'aaz ilma Jabal», siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii sis gamamchiise, isaanis ni jedhani: «yaa Mu'aaz», Mu'aazis siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii siis gammachiise jedhe, yeroo sadi, nabiyyiinis akkas jedhani: «Eenyunuu qalbii isaa irraa dhugoomsee haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa ba'eera taanaan Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisu malee hin hafu» Mu'aazis yaa ergamaa Rabbii, namootatti himee haa gammadanuu? jedhe: nabiyyiinis ni jedhani: «yeroo sana (hojii dhiisanii hadiisa kana irratti) ni hirkatu». Mu'aazis akka badii isaatti hin taaneef jecha yeroo du'a isaa isa hime.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha, Dirqamsiiftuun lameen: namni osoo waan tokkoollee Rabbitti hin qindeessin du'e jannata seene, namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e ibidda seene, fakkaataa fakkaataan mindeessuun immoo: namni hanga qalbiin isaa beekuttii fi murannoo isaa Rabbiin irraa beekutti toltuu hojjachuu kan yaade toltuu tokkotu isaaf barreeffama, namni hamtuu hojjate hamtuu tokkotu isa irratti barreeffama, namni toltuu tokko hojjate fakkaattii isaa kudhaniin isaaf barreeffama, namni kennaa tokko karaa Rabbii irratti kenne toltuun tokko dhibba torbaan isaaf qabama, Namoonni afran immooo, tokko kan duuniyaa irratti isatti bal'ifamee Aakhiraatti immoo isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa irratti kan isatti dhiphifamee Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti bal'ifamuudha".
Hasani Ahmadtu gabaase
Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaana irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii! badii irraa xiqqoos ta'ee guddoo isii hojjadhu malee hin dhiifne, ergamaanis ni jedhani: "Haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa kan baatu hin taanee?" yeroo sadi akkas jechuun gaafatani. namtichis: eeyyeen(ragaa nan ba'a) jedhe, ergamaanis ni jedhan: "dhugumatti inni sun isa sana irra dhufa".
Sahiiha Abuu Ya'alaa, Xabraanii fi Diyaa'ul maqdisiitu gabaasan
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abbeeraa isaaniitiin ni jedhani: «laa ilaaha illallaah jedhi, guyyaa qiyaamaatti isiidhanin ragaa siif ba'aatii», innis ni jedhe: obsa dhabuutu amantaa isa jijjiirsise jettee osoo qurayshiin ittiin na arrabsuu baattee, silaa ittiin ija kee gammadhiisa ture. eegasii Rabbiin akkana jechuu buuse: {ati nama feete hin qajeelchitu garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha} [al-qasas:56].
Sahiiha Muslimtu gabaase