Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

71 of 559 cards

Clear filters
«Dhukkubni tokko (ofii isaatii) dabruun hin jiru, faana ilaallachuun hin jiru, ji’a safaraatti faana ilaallachuunis hin jiru, sagalee Hurunguutin(simbirrootin) faana ilaallachuun hin jiru, Akkuma leenca irraa baqattutti nama dhukkuba qumaaxaa qabu irraa baqadhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha. Miskii namni baatu: Yookaan kennaa siif laata, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgaa namatti tolu isa irraa urgeeffatta. Namni beeloo afuufu ammoo: Uffata sirraa guba ykn ammoo hafuura badaa irraa argita».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Qulqullinni walakkaa iimaanaati, Al-Hamdulillaan miizaana guuta, Subhaanallaa wa Al-Hamdulillaan immoo samii fi dachii gidduu guutu, salaanni ifa, sadaqaan ragaadha, obsi ifaa guddaadha, Qur'aanni ragaa siif ta'a yookaan ragaa sirratti ta'a, namni hunduu ganamaan bobba'ee, lubbuu isaa gurgura, kan isii bilisoomsu yookaan kan isii balleessu ta'a».
Sahiiha Muslimtu gabaase
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin biratti Irra jaallatamaan haasaadhaa afuri: Subhaanallaah (Allaahaan qulqullaa'e), Wal hamdu lillaah (faaruun kan Allaahaati), Wa laa ilaaha illallaah (haqaan gabbaramaan Allaaha malee hi jiru), Wallaahu akbar (Allaahaan waa hinda irra guddaadha), kamii isaanitiinuu eegaltu si hin miidhu".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee gaari fi dilii irraa gaafadhee, akkana jedhan: «Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''.
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan