Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

30 of 559 cards

Clear filters
Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan isaan akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in", Nama kana boona malee wanti biraa hin dhoorgine, ni jedhe: sana booda harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan hundaa yeroo gara firaasha isaanitti bahanitti ganaa isaanii lameen walitti qabanii, eegasii isaan keessatti tuttufuun: {Qul huwa allaahu ahad}, {qul a'uuzu birabbi al-falaq} fi {qul a'uuzu birabbinnaas} isaan keessatti qara'anii eegasii qaama isaanii irraa bakka danda'an isaan haxaawan ture, mataa isaanii, fuula isaanii fi qaama isaanii gara fuulduraa irraa eegalu, yeroo sadii waan sana hojjatu.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin gabricha irraa nyaata nyaatee isa irratti isa galatoomfachuu irraa jaallata, yookaan dhugaatii dhugee isa irratti isa galatoomfachuu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani
"Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Imala tokko keessatti Nabiyyii wajjiin ture -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, kophee isaanii lameen irraa baasuuf gadi jedhee jennaan, akkana jedhani: "dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee", eegasii isaan lameen irra haxaayan.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”.
Sahiiha Muslimtu gabaase