Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

8 of 559 cards

Clear filters
Namni baadiyyaa tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee akkas jedheen: Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta" namichis akkas jedhe: Isa lubbuun kiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadhee kana irratti homaa hin dabalu, sana booda yeroo namichi deemuuf achi garagale Nabiyyiin -nagaa fi rahmanii isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: "Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha kanaa haa ilaaluu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan harka isaanii -ykn uffata isaanii- afaan isaanii irra kaa'anii, isaan sagalee isaanii kan gadi qaban ta'an.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
"Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha", wanti ani jedhu obboleessa koo keessa yoo jiraate hoo? jedhame, Ergamaanis ni jedhan: "wanti ati jettu isa keessa jira yoo ta'e dhugumatti isa komatteerta, wanti ati jettu isa keessa hin jiru yoo ta'e immoo isa irratti kijibdeerta".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu».
Sahiiha Abuu Daawuudtu gabaase
"Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu, Namni hirriiba irraa dammaqe immoo bishaan itti wuduu'a godhatuu deemu keessa osoo isa hin galchine harka isaa haa dhiqatuu, sababni isaas harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha". Muslim akka gabaasetti: "Tokkoon keessan yeroo hirriiba irraa ka'e harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha hanga yeroo sadii isa dhiquutti harka isaa mi’a (meeshaa/qodaa) keessa akka hin galchine".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen "Yarhamukallaah" jechuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan