Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

30 of 559 cards

Clear filters
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan urgaa'u (shittoo) hin deebisanu turani.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen "Yarhamukallaah" jechuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Dhiirri qaama saalaa dhiiraa hin ilaalu, dubartiinis qaama saalaa dubartii hin ilaaltu, uffata tokkicha dhiirri lama hin uffatu, dubartiinis uffata tokkicha dubartii biraa waliin hin uffattu".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: "Akkana jedhaa: Yaa Rabbi Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmta buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti rahmata buuftetti, dhugumatti Ati Faarfamaa, guddaadha, yaa Rabbii Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti, dhugumatti Ati faarfamaa, guddaadha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafiroota), Aakhiraatti ammoo nuufi».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
(Namni tokko yeroo obboleessa isaa jaallate akka isa jaallatu isatti haa himu).
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasani