Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

53 of 559 cards

Clear filters
"Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun malli na harkaa badee karaan natti cufame waanan yaabbadhee deemu naaf kenni jedheen, Nabiyyiinis "Hin qabu" jedhaniin, namichi tokko yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhee, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, nama afaan badaas miti».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (baalagee) uumaa isaaniitti nama waan fokkataa hojjatuu fi dubbatu hin turre akkasuma nama waan fokkataa barbaadee hojjatus hin turre, akkas jedhu ture: «Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa» ni jedhan (sahaaboonni): yaa Ergamaa Rabbii maali isaan? isaanis ni jedhan: «Rabbitti shaarrakuu, haqaan maletti lubbuu Rabbiin haraama godhe ajjeesuu, dhala nyaachuu, qabeenya yatiimaa nyaachuu, guyyaa lolaa baqachuu fi shamarran mu'umintootaa tikfamoo ta'an kan haraama quba hin qabne maqaa isaanii baalagummaan xureessuudha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga Rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga, isaan isaannan murtoo isaanii keessatti, maatiiwwan isaanii fi waan irraatti muudaman irratti haqa eeggatan".
Sahiiha Muslimtu gabaase