Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

39 of 559 cards

Clear filters
"Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga Rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga, isaan isaannan murtoo isaanii keessatti, maatiiwwan isaanii fi waan irraatti muudaman irratti haqa eeggatan".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee gaari fi dilii irraa gaafadhee, akkana jedhan: «Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni wolitti nama naqu (diru) jannata hin seenu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati, hamtuu namaa beekuuf hin yaalinaa, wal hin basaasinaa, wal hin hassadinaa, dugda walitti hin galinaa, wal hin jibbinaa, Gabroota Rabbii obboleewwan ta’aa”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan