Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

6 of 559 cards

Clear filters
“Dubartiin takka abbaan manaa isii ykn mahramiin/firri dhihoo isii wajjiin yoo jiraate malee fageenya guyyaa lamaa hin imaltu, Guyyaa lama soomuun hin hayyamamu, isaanis: Ayyaana Al-Fixrii fi Al-Adhaati, Salaata fajrii booda hanga aduun baatutti salaanni hin jiruu fi salaata asrii boodas hanga aduun dhiitutti salaanni hin jiru, Gara masjiida sadii: Masjiidal haraam, Masjiidal Aqsaa Fi masjiida koo kana malee ibaadaaf imala deemuun hin ta'u”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii warra Ansaaraa irraa taate tan Ibnu Abbaas maqaa isii dhawee, ani maqaa ishee dagadheen akkas jedhan: "Maaltu nu waliin hajjuu si dhoorge?" Isheenis akkana jette: Gaala waraabbii lama qofa qabna turre, abbaan ilma ishee fi ilmi ishee gaala tokkoon hajjii godhanii, Gaala tokko ammoo akka bishaan ittiin waraabbannuuf nuuf dhiise, isaanis akkas jedhaniin: «yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hoolaa buburree gaafa qabu lama uduuhiyyaaf qalani, miila isaanii morma hoolaa irra kaa'anii bismillaahi Allaahu Akbar jechaa harka ofiitiin gorra'ani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan