Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

69 of 559 cards

Clear filters
Namichi wohii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun gaafate: Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee, sana irratti yoon homaa dabaluu dhabe, jannata nan seenaa? Ergamaanis: «Eeyyeen» jedhan.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namichi jaamaan tokko gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii namni gara masjiidaatti na qajeelchu hin jiru jedhee, mana isaatti salaatuu akka isaaf eeyyamaniif ergamaa Rabbii gaafatee jennaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf eeyyamani, yeroo inni deemuuf garagalu isa waamanii, akkas jedhaniin: «waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa?» namtichis eeyyeen nan dhaga'a jedhe, isaanis ni jedhaniin: «owwaadhu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan, yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedhan qixxee ceekuu isaanii lamaanitti harka isaanii lamaan kan ol kaasan ta'an, akkasumas yeroo jilba qabachuu irraa mataa isaanii ol kaasan harka isaanii lamaan ol kaasanii, akkana kan jedhan ta'an: «Sami'allaahu Liman Hamidah, Rabbanaa walakal hamd», hiikkaan isaatis Rabbiin nama Isa faarse dhagahe, yaa Rabbii keenya faaruun keeti jechuudha. Yeroo sujuuda godhan sana kan hin hojjenne ta'an.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”.
Sahiiha Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
“Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Guyyaa tokko Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata subhii nuun salaatanii ka'anii akkas jedhani: «Ebalu dhufeeraa?» sahaabonnis: lakki jedhani, ammas ergamaan ni jedhani: «Ebalu hoo dhufeeraa?» ammas sahaabonni lakki jedhani, eegasii isaan akkas jedhani: «Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture, saffiin jalqabaa akka saffii malaa'ikaati, osoo sadarkaa isaa beektanii itti ariifattu ture, salaanni namni tokko nama biroo woliin salaatu salaata qofaa isaa salaatu irra caalaadha, salaanni inni nama lamaa woliin salaatu salaata nama tokkoo woliin salaatu irra caalaadha, kan hedduummate isatu Rabbiin biratti irra jaallatamaadha».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah, Allaahumma Rabbanaa lakal hamd Mil'assamaawaati wa mil' Ardi wa mil'a maa shi'ita min shey'in Ba'ad", jechuunis: Rabbiin nama Isa faarsef dhaga’e, Yaa Rabbii keenya faaruun siifi, faaruun samii fi dachii guutu, akkasumas eegasii wahirraa faaruun waan ati feete guutu siifi jechuudha.
Sahiiha Muslimtu gabaase