Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

43 of 559 cards

Clear filters
"Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".
Sahiiha Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasani
Ummu Habiibaa binti Jahsh, kan haadha manaa Abdurrahmaan bin Awfii turte, Ergamaa Rabbiitti, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waa’ee dhiigaa himattee jennaan, isaanis akkana isheen jedhani: “Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”. salaata hundaaf kan dhiqattu taate.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saa'ii tokkoo hanga muddii shaniitiin dhiqu yookaan dhiqatu ture, akkasumas muddii tokkoon wuduu'a godhatu ture.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Imala tokko keessatti Nabiyyii wajjiin ture -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, kophee isaanii lameen irraa baasuuf gadi jedhee jennaan, akkana jedhani: "dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee", eegasii isaan lameen irra haxaayan.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Aa'ishaa akkana jedhee gaafadhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo mana isaanii seenan maalin eegalan? Isheenis akkana jette: Siwaakani.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bishaan dhiqannaa kaayee, huccuudhaan girdoo isaanif godhe, bishaan harka isaanii lamaan irratti buusanii, isaan lamaan dhiqatan, ergasii mirga isaanitin bitaa isaanii irratti bishaan buusanii, qaama saalaa isaanii dhiqatan, harka isaanitin lafa rukutanii ishee haxaa'an, ergasii ishee ni dhiqan, lulluuqqatanii bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisan, fuula fi harka isaanii lamaan ciqileen waliin ni dhiqatan, ergasii bishaan mataa isaanii irratti gad naqanii qaama isaanii irratti dhangalaasanii dhiqatan, eegasii eddoo dhiqannaa irraa fagaatanii, miila isaanii lamaan dhiqan, uffata wahii laadhefi, garuu hin fudhanne, harka isaanii lamaanin bishaan ofirraa hurgufaa deeman.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate.
sahiiha ragaalee isaatiin Muslimtu gabaase