Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

3 of 559 cards

Clear filters
“Rabbiin ol ta'e akkana jedha: Anaa fi garbicha koo gidduutti salaata walakkaa lamatti qoode, Gabricha kootif immoo waan inni gaafatetu isaaf jira. Yeroo gabrichi jedhe: {Al-hamdu Lillaahi Rabbil Aalamiin}, jechuunis: Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, jechuudha, Rabbiin ol ta'e ammoo akkana jedha: Garbichi koo Na faarse, Yeroo jedhe: {Arrahmaanirrahiim}, jechuunis: Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa jechuudha, Rabbiin ol ta'ees ni jedha: gabrichi koo deddeebi'ee na faarse. Yeroo jedhe: {Maaliki yowmiddiin}, jechuunis: Mootii guyyaa mindaa jechuudha, Rabbiin ol ta'e ammoo akkana jedha: Garbichi koo na guddise, yemmuu tokko ammoo ni jedha: Gabrichi koo waa'ee isaa natti hirkise. Yeroo jedhe: {Iyaaaka na'abudu wa iyyaaka nasta'iin}, jechuunis: Sima qofa gabbarra sima qofaan gargaarsifanna jechuudha, Rabbiinis ni jedha: "Kuni anaa fi gabricha koo jidduu jira, wanti inni kadhate hundi gabricha kootif ni ta'a. yeroo gabrichi jedhe: {Ihdinas-siraaxal Mustaqiim siraaxallaziina An amta Aleyhim geyril magduubi Aleyhim waladdaaliin}, jechuunis: Karaa qajeelaa irratti nu qajeelchi, karaa warra ati qananiiftee san nu qajeelchi, karaa warra ati itti dheekkamtee miti, akkasumas karaa warra jallatee miti jechuudha, Rabbinis ni jedha: Kuni gabricha kootiif, gabricha kootiif ammoo wanti inni kadhate ni tahaaf.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Manneen keessan qabroota hin taasisinaa, mana suuraan baqaraa keessatti qara'amu sheexaanni irraa dheessa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu, sun yeroo (Rabbiin akka qur'aana isaa keessatti jedhetti): {lubbuu sana dura hin amanin, yookaan iimaana isii keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni isii homaa isii hin fayyanneedha} [Al-an'aam: 158] dhugumatti namoonni lama huccuu isaanii gidduu isaaniitti gurgurtaaf jecha diriirsanii osoo isaan wal irraa hin bitinii fi osoo isaan hin maratin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namichi aannan dhuguuf jecha gaala isaa elmatee osoo inni hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namni tokko naanniga isaa sirreeffatee ka'ee osoo inni irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti tokkoon keessan nyaata isaa afaan isaatti ol fudhatee ka'ee osoo inni isa hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan