مقدمة وغلاف المنتقى من موسوعة الأحاديث النبوية

مقدمة وغلاف المنتقى من موسوعة الأحاديث النبوية

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.

Language: lang_om
Prepared by:
Version: 1.0
Translations 63
Akan Amharic Assamese Azerbaijani +59
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.

Duree

Galanni Rabbii mootii Aalamaatiif haa galu. Nagayaaf rahmanni Rabbii nabiyyii keenya muhammad irratti haa bu'u, akkasumas firaafii saahibban isaanii hunda irratti haa bu'u, warra hanga Qiyaamaatti qajeellorratti isaan hordofe hunda irrattis haa bu'u. Itti aansuudhaan:

Irra caalaan waan muslimni itti jabaatuu qabuu, dubbisuu, xiinxaluu, barachuu fi itti hojjachuu keessatti, -Eega Qur'aana Rabbiitii- Sunnaa Ergamaa Rabbiiti Nagayaa fi Rahmanni Rabbii isaanirratti haa jiraatu. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: "Waan yoo isa qabattan gonkumaa hin jallannen isin keessatti dhiise yaa ilmaan namaa: kitaaba Rabbiitii fi sunnaa nabiyyii isaati ﷺ". Imaamu maaliktu gabaase. Dhugumatti Rabbiin ol tahe ni jedhe:- "Waan ergamaan isiniif kenne isa fudhadhaa waan irraa isin dhoorge irraa dhoorgamaa". [Suuraa Al-hashrii: 7] Kanaaf afaan hedduun dhaabbanni tajaajila kuusaa Islaamaa fi dhaabbanni da'waa fii qajeelcha lammiilee alaa Rabwatti kuusaa hadiisa nabiyyii ﷺ  qopheessuu fi afaan hedduun hiikuu irratti bololaniiru.

Rabbiin ol ta'e dhugumatti laaffisee kuusaa kana keessatti hadiisoowwan muslimni diini fi duniyaa isaa keessatti haalaan itti haajamu filanii walitti qabuun, ibsa gabaabaa itti godhuun, qajeelfamaa fi hiika isii ibsuu fi faaydaalee isii muraasa ibsuun wajji, kitaaba akka armaan gaditti waamamu kana keessatti baateerti: "Almuntaqaa Kuusaa Hadiisa Nabiyyii ﷺ". Dalagaan Afaanoowwan addunyaa bebbeekamotti hiikuu itti fufee jira. Akka faaydaan isaa hunda wal-gayuufii sunnaa Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaa hundatti afaan isaaniitiin geessuuf jecha.

Rabbiin akka hojii kana nurraa qeebalee, hojii barakeeffamaa fi fuula isaatiif qulqulluu akka nuuf godhu Isa kadhanna, akkasumas nama isa qopheessuu, hiikuu fii tamsaasuu keessatti gargaare hunda galata akka galchuuf Rabbiin kadhanna.

Rabbiin Nagaayaa fi rahmata nabiyyii keenya muhammad irratti haa buusu.

Ibsa Gabaabaa

Hadiisonni Nabiyyii ﷺ Maddoota Amantii Islaamaa keessaa isiin madda lammaffaati. Rabbiin ol tahe ni jedhe: "(Inni) fedha lubbuu isaa irraa hin dubbatu" (3) "Inni beeysisa isatti beeysifamu malee waan biroo hin taane" (4) [An-najm: 3-4]

Kuusaan kuni walitti qabamaa hadiisoowwan hiika hedduu of keessaa qabdu tan muslimni diinii fi duniyaa isaa keessatti haalaan itti haajamu of keessatti qabateera, ibsa gabaabaa itti godhuun, akkasumas qajeelfamaa fii hiika isii ibsuun, faaydaalee isii muraasa ibsuun wajji. Akka faaydaan isaa hunda wal-gayuufii sunnaa Nabiyyii keenyaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaa hundatti afaan isaaniitiin geessuuf jecha Afaanoowwan addunyaa bebbeekamotti hiikamteerti.